Keewwatoota Kophaaf rasaasaalee fi Lakkaawwii dhaamsuu
Rasaasaalee fi Lakkaawwiin keewwatootaa Writer, Impress fi Draw dhaan qofa deeggarama.
![]()
![]()
Keewwatoota ammeef ykn keewwatoota filatamaniif ufmaan lakkaawwii ykn tarreessii dhaamsuu ni dandeessa. Sajoo Lakkaawii Dhaamsi kan kabala rasaasaalee fi Lakkaawwii keessaa cuqaasi.
![]()
Qarreen kan argamtu tarree lakkaawame ykn rasaasame keessatti yoo ta'e, lakkoofsota ykn rasaasaalee ofumanii keewwata ammee ykn keewwatoota filatamaniif sajoo rasaasaalee Banuu/Dhaamsuu kan kabala Dhanga'ina Barruu keessaa cuqaasuunn dhaamsuu ni dandeessa.
Gabatee cuqoo fayyadamuun lakkaawwii dhaamsuuf:
-
Qarree jalqaba keewwata lakkaawame irra godhiiti furtuu Backspace dhiibi.
-
Lakkaawiin keewwataa ni bada, tartiiba lakkaawwii irraas ni haqama. Lakkaawiin keewwata itti aanee jiru irraa eegalee itti fufa.
Keewwata duwwaa lakkaawame keessatti furtuu Enter yoo dhiibde, lakkaawwiin ni dhaabata.